Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Barnoonni Bara 2017 eegale

Finfinnee, Fulbaana 7, 2017 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti hojiin baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2017 eegaleera.

Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu hanga kutaa 12ffaa keessatti simannaa hoo’aan barnoonni eegaleera.

Itti Aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Bultoosaa Irkoo Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furii Mana Barnootaa Karaabuutti argamuun barnoota bara 2017 eegalchiisaniiru.

Oromiyaatti Manneen Barnootaa kuma 37 fi 941 olitti barattoota miliiyoona 12 ol barnoota kan eegalan ta’uun ibsameera.

Tasfaayee Ijjiguutuu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.