Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan qajeeltoowwan waliigaltee Jeneevaa ni kabajji-MDhA

Finfinnee, Fulbaana 6, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan Bara Faranjootaa 1949 kan mallatteeffame qajeeltoowwan waliigaltee Jeneevaa akka kabajju Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Yaadannoon waggaa 75ffaa waliigalteewwan Jeeneevaa arfanii Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffame yoo ta’u, kokasiin seeraa Namummaa hojii eegaleera.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atisqasillaaseen, gama bakka bu’aa isaaniin ergaa dabarsaaniin, waliigalteewwan jeneevaa, yeroo walitti bu’iinsatti kabaja namoomaa eegsisuuf kan mallatteeffame ta’uu ibsameera.

Yaadannoon Yaa’ii Jenevaa leegaasii seera namoomaa baroota darban hojiirra oolaa ture ta’uu eeruun, waliigalteewwan kunneen kabajamuu akka qaban yaadachiiseera.

Itiyoophiyaan qajeeltowwan waliigaltee Jeneevaa kabajuuf murannoo qabaachuu mirkaneessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.