Fana: At a Speed of Life!

Koongootti namoota yaalii fonqolcha mootummaa taasisan 37 du’aan akka adabaman itti murtaa’e

Finfinnee, Fulbaana 4, 2017 (FBC)- Rippaabilikii Diimokiraatawaa Koongootti namoota yaalii fonqolcha mootummaa taasisan 37 du’aan akka adabaman itti murtaa’e.

Namoonni murtichi itti murtaa’e irra caalaan isaanii lammiilee Koongoo yoo ta’an, lammiilee Ameerikaa 3, Ingiliz, Beeljiyamii fi Kanaadaa akka keessatti argaman ibsameera.

Namoonni kunneen shiraa fi yakka shorkeessummaa raawwachuun kan mirkanaa’e ta’uun eerameera.

Fonqolcha mootummaa yaalamee fashaala’een namoonni ja’a kan ajjeefaman ta’uun gabaafameera.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Maatiwu Miilar, adeemsicha itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiran beeksisuu ‘Africa News’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.