Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa sa’aa 24tin, namoota 11 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 11 irratti vaayrasiin koroonaa argame.
 
Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 1764 qoratameera.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 250 qaqqabeera.
 
Namoonni vaayrasichi irratti argame hunduu Ityoophiyaanota yoo ta’an, koorniyaadhan dhiira 10 fi dubartii takka.
 
Umriin isaaniis 18 hanga 38 ta’uu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.
 
Namoota vaayrasichi irratti argame keessaa 5 magaalaa Finfinnee, 2 naannoo Tigraay (tursa addaa keessaa), 3 naannoo Afaar (tursa addaa keessaa), 1 naannoo Oromiyaa tursa addaa Adaamadhaayi.
 
Kaleessa Finfinneedhaa namoonni 6 dhibicharraa dandamataniiru.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni dandamatan 105 qaqqabaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.