Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxafee Mahammad ergaa baga ittin isin gahe dabarsan

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad bara haraa 2017 sababeeffachuun ergaa baga gessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin barri haaraan hojiilee misooma bara darbe eegalaman itti fufsisuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Keessattuu naannichaa gargaaramtummaa keessaa baasuufi nyaataan of danda’uuf hojiilee misoomaa ruuzii fi qamadii eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

Obbo Musxafeen barri haaraan,kan tokkummaa, nagaa, gammachuu fi milkaa’inaa akka ta’uu haawwii gaarii qaban ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.