Fana: At a Speed of Life!

Sonawwan man-dhalee bu’uureffachuun yeroo gabaabaa keessatti bu’aaleen galmaa’aniiru-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Sonawwan man-dhalee teeknooloojiif, yaada kalaqaaf dhiyoo ta’anirratti bu’uureffachuun hojiileen eegalaman yeroo gabaabaa keessatti bu’aa galmeessuu eegaluu Itti Gaafatamaan Giddugaleessaa Qindeessaaa Ijaarsa Sirna Diimookirasii fi Pireezidaantiin itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam Faaraah Qaammee 5-Guyyaa Egereee ilaalchisuun ergaa dabarasaniin, akka himanitti imaammataa fi karoora imala badhaadhina keenya keessatti hireen dhaloota boruu maal ta’uu akka danda’u ifatti taa’eera.

Dhaloota naamusa, abdii, obbolummaaf bakka qabu, ilaalcha namoomaan kan gabbate, hamileen isaa beekumsaan kan guutee egeree Itiyoophiyaa itti haa fufsiisuuf mul’ata olaanaa qabaachuun imalli eegalamuu ibsan.

Kunis akka dhugoomuuf imammatoota diinagdee, siyaasaa, hawaasumma fi misooma magaalaa, fayyaa, barnootaan turan dhaloota egeree giddugaleeffachuun akka fooyya’an akkasumas yaada haaraan dhaloota itti aanu akka hammatan taasifamuu himan.

Sonawwan man-dhalee teeknooloojiif, yaada kalaqaaf itti dhiyoo ta’anirratti bu’uureffachuun dhaloota guddina hawaasummaa mirkaneessan bocuuf hojiileen eegalaman, yeroo gabaabaa keessatti bu’aa galmeessuu eegaluu kaasaniiru.

Qaammee 5, Guyyaa Egeree kan kabajamu, dhaloota idaa’amuu kan moggaafameef dhaloota abdii qabeessi daran biyya isaa akka jaalatu, biyya isaarraa abdii akka qabu akka yaadu, siif jirra jechuun cinaa kan dhaabbannu, dogoggorootarra barachuun egeree miidhagaa taasisuun, biyyaa fooyyoftuu dhaalchisuuf guyyaa waadaa itti galluudha jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.