Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti sagantaan lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’an kuma 40 ol fayyadamoo taasisu ifoome

Finfinnee, Caamsaa 2, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sagantaan mata duree ‘maatii koo’ jedhuu lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’an kuma 40 ol fayyadamoo taasisu ifoomeera.

Deeggarsichi Faawundeeshini Bediir jedhamuun dhaabbata tola oltootaa biyya keessaan sagantaa mata duree ‘maatii koo’ jedhuun lammiilee sabaaba weerara vaayrasii koroonaan rakkoof saaxilamoo ta’an kuma 40 ol deeggartoonni dhuunfaa fi dhaabbiileen waltumsaan deeggarsa laachuu dandeessisu guyyaa har’a ifoomsaniiru.

Sirna sagantichaan sadarkaa itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinneetti qindeessaan dhaabbilee mootummaa tajaajila laatanii Injiinar Indaawwaq Abbitee, hoogantoota olaanoo bulchiinsa magaalichaa fi bakka namoonni dhuunfaa beekamoon argamanitti eegaleera.

Saganticharratti Injiinar Indaawwaq Abbitee, weerara vaayrasii koroonaan lammiilee miidhamoo ta’aan deeggaruuf humni mootummaa ga’aa miti jedhaniiru.

Hoji gaggeessaa fi hundeessaan Bediir Faawundeeshinii Injinar Baadiruu Huuseen,hanga ammatti walitti hidhamiinsa maatiikoon maatiiwwaan 700 ta’aniif deeggarsa nyaataa taasisera jedhan.

kanneen dhibba 3 ta’aaniif ammoo baatiiwwaan sadan dhufaanitti kan taasifamuuf ta’u himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.