Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan dhaala dhaloota boruu waan taateef, birmadummaa ishee kabachiisnee ni tursian- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Qaammee 3, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan dhaala dhaloota boruu waan taateef, birmadummaa ishee kabachiisuun ni tursina jedhan Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.

“Itiyoophiyaaf lafee keenya cabsine, dhiiga keenya dhangalaasnee, qabsoofneef, birmadummaa isheefi kabajamtee akka jiraattuuf dhimmanneeti jedhan.

Birmadummaan ishee guddina isheef hidda dhiigaa fi eenyummaa lammiilee isheen kan walqabatan ta’uukan hubatan gootonni bakkoota gargaraatti kan kufaniif waa’ee Itiyoophiyaaf ta’uu kaasaniiru.

Tokkummaa bulchiinsaa, kabajaa biyyummaa dhiigaan kabachiisneef, gototni hedduun dhalataniiru jedhan.

Itoophiyaan har’a dhaalle hambaa gootota kaleessaa, hambaa imaanaa har’aa, dhaala dhaloota boruu waan taateef birmadummaa kabachiisuun ni tursiisan jedhaniiru.

Hiyyummaa injifachuun, tokkummaa biyyaalessaa cimsinee waliin dhaabbachuun, dhaloota dhufuuf qabeenya horuun, birmadummaa dhiigaan kabachiisne, dafqa keenyaan gama maraan mirkaneessuun kan cimsan ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.