Fana: At a Speed of Life!

“Daneessummaa Birmadummaa Hunda Galeessaaf”

Finfinnee, Qaammee 3, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan biyya gootonni dhiigaa fi lafee isaaniin birmadummaa ishee eegsisanii asiin gahaniidha jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Birmadummaa bulchiinsaa fi tokkummaa ishee eegsisuun, koloneeffattootaa fi weerartoota gita bittaa qaanessuun bilisummaan biyya jiraatteedha jedheera.

Biyyi dandeettii ofiin rakkoo fi qormaata mataa ishee irra aanuu dandeessisu hin uumne, uffannaa waggaa fi soorata guyyuu ishee hinguunne, hirkattummaa teeknooloojii fi oomishaalee adda addaa irraa biyyi bilisa hintaane, birmadummaan ishee sadarkaa amansiisaan hin mirkaneeffannee akka biyyatti fudhatamuu hindandeessuu jedheera.

Itiyoophiyaan gama kanaan qormaata birmadummaa ishee ga’umsan ce’uuf hojiilee bal’aa eegaluu ibseera.

Gaaffilee bulchiinsa gaarii fi ijaarsa sirna dimokiraasii baroota dheeraaf ummannii gaafachaa ture deebisuuf, nageenya waaraa fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuun, badhaadhina biyyaalessaa dhugoomsuuf qabsoo taasisaa jiraachuu eereera.

Biyyi fedhii biyyaa keessaa guutuuf hinoomishine miila warra isheef oomishanii jala jilbeenfachuun ishee akka hinoollee eeruun, nyaata of danda’uu dhabuun fi kan boquu cabsuu birmadummaa biyyaa kan mancaasaa adeemu ta’uu ibseera.

Kanarraa kan ka’e Itiyoophiyaan nyaataan akk of dandeessuuf waggoota jijjiiramaa muraasa darban keessatti milkaa’ina hedduu galmeessuu beeksiseera.

Damee qonnaan jijjiirama damee hedduu hordofameen, qamadii gabaa biyya alaaf dhiyeessuutti ce’amuu himeera.

Sochii Sagantaa Ashaaraa Magariisaan beekamtii idil-addunyaa arganneerra; sagantaa Maaddii Guutuun nyaata keenya qe’ee keenyatti oomishuun muuxannoowwan haaraa horachuun akka dandaame beesiseera.

Sosochii Itiyoophiyaan haa Omishtuun oomishaaleen indaastirii hedduu biyya keessatti oomishuun bakka buusuu bira darbee gabaa biyya alaatiif dhiyeessuun akka jalqabame ibseera.

Naannawaan quubsuma Itiyoophiyaan keessatti argamuu dhiibbaa idil addunyaa fi biyya keessaa dandamachuun milkaa’ina hedduu galmeessisuun birmadummaa waliigalaa mirkaneessuuf bal’inaan hojjechaa jiraachuu himeera.

Humnoonni nageenyaa gaachana birmadummaa keenyaa ta’an Itiyoophiyaa keessaa fi alaa lafaa, qilleensa, bishaanii fi saayibariin tiksaa jiraachuu himuun, biyya walabummaa guutuun dhaalle, bilisummaa fooyya’aa fi guutuu ta’een dhaloota dhufu dhaalchisuuf sassannaa tokko malee hojjetamaa jiraachuu kaaseera.

Walitti bu’iinsi naannoolee biyyattii adda addaatti mul’achaa ture diina alaf saaxilee turuu kan kaase tajaajilichi, Nageenya ummata fi birmadummaa biyyattii waarinaan mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatameen walitti bu’iinsi karaa nagaa akka xumuramu ta’uu ibseera.

Ammas garaagarummaa fi waldhabdee keessoo hafe marii, marii biyyaalessaa, duudhaalee jiraniin furuuf yaaliin tasifamaa akka jiru eereera.

Tattaaffiiwwan kanneeniin alatti kan mudatan ammo tumsa ummata fi cimina humnoota nageenyaan olaantummaa seeraa ni mirkaneessina jedheera.

Qaammee 3ffaan guyyaa Birmadummaa jedhamuun mata duree “Daneessummaa Birmadummaa Hunda Galeessaaf” jedhuun yeroo kabajamu, birmadummaa keenya karaa guutuu ta’een mirkaneessuuf akkuma barametti kutannoo akka qabnu ibsuuf carraa uumuuf yaadam,ee ta’uu eereera.

Bara haaraatti jijjiiramoota waggoottan darba galmaa’an daran milkeessuuf, waadaa keenya haaromsinu fi injifannoo caaluuf guyyaa itti of qopheessinu ta’ee akka kabajamuuf ta’uu beeksiseera.

Barri haaraan dhufu damee hundaan birmadummaa Itiyoophiyaa kan itti mirkaneessinu, gahee keenya kan gumachinu, bara nagaa, gammachuu, milkii fi badhaadhinaa akka ta’uuf kan hojjenuu ta’a jedheera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.