Fana: At a Speed of Life!

Birmadummaa hundagaleessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf hirmaannaan lammiilee murteessaadha-Amb. Taayyee Atsiqasillaase

Finfinnee, Qaammee 3, 2016 (FBC)- Birmadummaa hunda galeessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf hirmaannaan lammiilee murteessaa ta’uu Ministirri Miniisyteera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaase dubbatan.

Qaammeen 3 “Guyyaan Birmadummaa” Gola Hambaa Saayinsiitti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.

Sirnichaarratti Ministira Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa, Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee, ministirootaa, qondaaltota dhaabbilee nageenyaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Waltajjicharratti Ambaasaaddar Taayyeen akka jedhanitti Itiyoophyaan biyya gootota ijoollee isheen birmadummaa ishee kabajchiistee as geesseedha.

Kanaaf argisituun olaanaan gootummaa Injifannoo Adwaarratti mul’ate ta’uu yaadachiisaniiru.

Dameewwan hundaan biyya birmadummaan ishee mirkanaa’e uumuun akka barbaachisu ibsanii, kunis hirmaannaa lammiilee hundaa akka gaafatu dubbataniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.