Fana: At a Speed of Life!

Birmadummaa mirkaneessuun dhimma ittigaafatummaa gaafatuudha-Aadde Adaanech

Finfinnee, Qaammee 3, 2016 (FBC)- Birmadummaa mirkaneessuun yaadaan waliigaluu qofaa osoo hintaane dhimma ittigaafatummaa fedhii fi murannoo olaanaa gaafatuudha jedhan Kantiibaan ulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Har’a Qaammee 3, Guyyaa Birmadummaa “Daneessummaan Birmadummaa Hunda-Galeessaaf” mata duree jedhuun jiraattota Magaalaa Finfinnee fi humna nageenyaa waliin Addabaabaayii Masqalaatti kabajuu Gama miidiyaa hawasummaa isanaiin ibsaniiru.

Itiyoophiyaan dhiigaa fi lafeen kan dhaabbattee fi abbootii irraa kan dhaalle biyya birmaduudha jedhanii, Aarsaa dhiigaa kanfaluun birmadummaa argame, dafqa dhangalaasnee birmadummaa diinagdee keenyaa kabachiisuuf har’allee cimnee hojjechuutu nurra eegama jedhaniiru.

Birmadummaa mirkaneessuun yaadaan waliigaluu qofaa osoo hin taane dhimma ittigaafatamummaa fedhii fi murannoo olaanaa gaafatuu ta’uu ibsaniiru.

“kka biyyaatti bilisummaa keenya kan qoran haalota keessoo fi alaa adeemsa hordofuu fi fashaleessuu keessatti hirmaannaa si’ataa tokkoon tokkoo keenyaa kan gaafatu ta’uu akeekaniiru.

Jiraattonni magaalaattii, humni nageenyaa biyyaattii qormaatilee hunda darbuun Itiyoophiyaa diinagdeedhaan birmadoomsuuf wal’aansoo fi tattaaffii taasistaniif Itiyoophiyaan yeroo hundaa isin Galatoomfatti jedhaniiru.

#oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.