Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Qaammeen1, Guyyaan Ce’umsaa kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti Qaammeen1, Guyyaan Ce’umsaa sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

‘Hambaalee Ce’umsaa, Horata Ifa Haaraa”Qaammee 1, guyyaan Ce’umsaa daawwannaa sochii invastimantii, misooma qonnaa fi marii paanaaliin kabajamaa jira.

Guyyicha sababeeffachuun Hooggantoonni Naannoo Oromiyaa indaastiriiwwan magaalaa Mojoo fi Bishooftuu keessatti argaman daawwataniiru.

Dabalataanis Magaalaa Bishooftuutti qamadiin kilaastaran misoomaa jiru daawwatameera.

guyyicha ilaalchisuun mariin paanaalii magaalota adda addaatti gaggeeffameera.

Saganticharratti haasaa kan taasisan Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu guyyaan ce’umsaa guyyaa hiyyummaarraa gara badhaadhinaatti akkasumas qonnaan bulaan qonnarraa gara invastimantiitti ce’uudha jedhan.

Qonniifi indaastriin garaagarummaa kan hin qabneefi tokko isa tokko utubuun imala gara badhaadhinaatti taasifamu kan ittiin milkeessinuudhas jedhaniiru.

Tarkaanfiiwwan inisheetivoota qonnaa qabatamaan hojiirra oolchuun hojiin hanga ammaatti hojjetame bu’aawwan gurguddoo kan argamsiiseefi dinagdee biyya keenyaa utubuun kan qaqqabame ta’uus dubbataniiru.

Hoogganaan Biiroo Invastimantiifi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis gamasaaniin badhaadhina biyyi keenya eegalte dhugoomsuuf invastimantiin shoora olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.

Meeshaalee alaa galan biyya keessatti oomishuu akkasumas oomishaalee biyya keessatti oomishamanitti sona dabaluun sharafa alaa argamsiisuun dinagdee biyyaa utubaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataanis dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuufi ce’umsa tekinoolojii cimsuun rakkoo gama kanaan jiru ni fura jedhan.
mootummaan aannoo Oromiyaas abbootii qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa simachuun akka misoomsan hojjetaa jiraachuus kaasaniiru.

bara 2016 keessatti qofa oomisha alaa galu doolaara biiliyoona 1.8 olitti tilmaamamu biyya keessatti oomishuun kan danda’ame yoo ta’u, oomisha doolaara miiliyoona 800 olitti tilmaamamus gara biyyaa alaatti ergameera jedhan.

Yeeroo itti aanuuttis abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaa bal’inaan simachuun oomishaalee indaastirii dabaluun biyya keenya gara badhaadhinaatti ceesisuuf cichoominaan kan hojjetamu ta’uu Obbo Ahimad himaniiru.

Guyyicha sababeeffachuun mareen paanaalii qooda fudhattoota hirmaachise kan geggeeffame yoo ta’u, qorannoon haala qabatamaa diinagdee biyyaarratti xiyyeeffate dhiyaatee irratti mari’achuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.