Fana: At a Speed of Life!

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Gola Hambaa imala Ajaja Bahaa Waggoottan 47 darbanii mul’isu daawwatan

Finfinnee, Hagayya 30, 2016 (FBC) – Itaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Magaalaa Harariitti Gola Hambaa imala Ajaja Bahaa Waggoottan 47 darbanii mul’isu daawwataniiru.

Fiild Maarshaal Birhaanuun, Guyyaa Hundeeffama Ajaja Bahaa waggaa 47ffaa Qaammee 1-2, 2016 magaalaa Harariitti kabajamurratti hirmaachuuf magaalaa Hararii kan galan yoo ta’uu, waayita Magaalaa Hararii gahan Pireezidaantii naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoota olaanoo naannichaan simatamaniiru.

Jilli Fiildi Maarshaal Birhaanuun durfamu kun Gola Hambaa imala Ajaja Bahaa Waggoottan 47 darbanii mul’isu daawwachuu ragaan Kominikeeshinii naannoo Harariirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.