Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti jiraattoota balaaf saaxilamoo ta’aniif sagantaan daabboo dhiyeessuu baatii 3f eegale

Finfinnee, Caamsaa 2, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti jiraattoota balaaf saaxilamoo ta’aniif sagantaan daabboo dhiyeessuu baatii 3f eegale.

Warshaaleen daabboo 2000 abbaa warraa kuma 10 ta’aniif guyyaa guyyaan kaffaltii malee kan dhiyeessuu ni ta’a.

Saganticha preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee fi Itti aanaa kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injinar Takkalaa Uumaa waliin eegalchisaniiru.

Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuu fi dhiibbaan isaas yeroo dheeraaf kan itti fufuu waan ta’eef gurmaa’insi qophii barbaachisaadha jedhaniiru.

Dhiibbaan Vaayrasicha lammiilee hedduurraatti balaa waan qaqqabsisuuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee baankii nyaataa qopheessuun gama deeggarsa sassabuun hojiin hojjeetama jiru kan dinqisifatamuudha jedhaniiru.

Maagalichatti baankiin nyaataa 1200 dhaabbateera.

Maatiin deeggarsi taasifamuuf iddoo garaagaraatti bilookiin kan gurmaa’aniifidha.

Itti aanaa kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injinar Takkalaa Uumaa, bilookiin dhaabbatee lammiilee deeggarsii barbaachisuu haalaa adda baasuurra darbee hariiroo hawwasummaa ni cimsaa jedhaniiru.

Deeggarsi daabboo ammaa eegalamee dhiyeessii nyaataa biroos kan itti fufuu ni ta’a jedhaniiru.

Injinar Takkalaan warshaalee daabboo 2000 baatii saadiif daabboo dhiyeessaniif galataa galchuu ragaan Waajjira Kaantibaarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.