Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad simannaa Pireezidaantiin Chaayinaa taasiisaniif galateeffatan

Finfinnee, Hagayya 29, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad simannaa Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing taasiisaniif galateeffataniiru.

Chaayinaan deeggarsa adda hin cinne damee Huddeen Itiyoophiyaaf taasiisaa jirtu dinqisiifataniiru.

Akka biyyaatti qormaatilee hedduu keessummeessinus damee qonnaa, Maanuufaakcheriingii, Indaastirii, Turizimii, Teelee Kominikeeshinii fi dameewwan biroon jijjiirama hiikoo qabu galmeessineerra jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Imala guddinaa kana keessatti Invastimantiin Chaayinaa qooda ijoo taphachuu ibsaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf murannoon ni hojjenna jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.