Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana sababeeffachuun Shaggaritti baazaarii fi agarsiisni daldalaa bakkoota 6’tti banaman

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)-Magaalaa Shaggaritti ayyaana waggaa sababeeffachuun baazaarii fi agarsiisni daldalaa bu’aalee qonnaa fi industirii baname.

Sirna eegalchiisaa baazaarichaarratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan, magaalichatti oomishaaleen bu’uuraa dhiyaachuun fayyadamtoonni gatii madaalawaan akka shamatatanii fi gabaa tasgabbeessuuf bakkoota ja’atti banameera jedhan.

Ayyaanotaa fi sagantaa fooyya’insa dinagdee gooroo mootummaan hojiirra oolche bu’uureffachuun daldaltoota gatii dabalanii fi dhoksan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiru kan itti fufu tahuu hubachiisaniiru.

Daldaaltoonnis omisha qulqullinaa fi baay’inaan gatii madaalawaan dhiyeessuun dorgomaa akka ta’an akeekaniiru.

Hooggantuu Biiroo Daldalaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa gama isaaniin sagantaan baazaarii fi daldalaa kun, fooyya’insa dinagdee gooroo mootummaan labse bu’uureffachuun, hanqinni dhiyeessii fi qaala’iinsi gatii omishaa uumamuun uummanni akka hin rakkanne, omisha qonnaa fi industirii gatii madaalawaan bitachuun ayyaana bara haaraa nagaan akka kabajuuf kan yaadame tahuu himaniiru.

Sagantaan Baazaarii omishaalee qonnaa fi industirii kun qindoomina Mana Maree Daldalaa fi Waajjira Daldalaa Magaalaa Shaggariin kan qophaa’e ta’uu ragaan Kominikeeshinii Magaalaa Shaggarirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.