Fana: At a Speed of Life!

Dabtarri Herregaa Daandii Qilleensichaa Damee Asmaraa cufamuun balalii addan kutuuf sababa jedhame

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)- Dabtarri herregaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Damee Asmaraa guutummatti ugguramuun balalii garasitti taasifamu dhaabuuf sababa tokko ta’uu daandichi ibse.

Daandiin qillensichaa gara Asmaraatti balalii taasisu addaan kutuu ilaalchisuun Hojii Raawwachiisaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfiin Xaasawu ibsa miidiyaaleef kennaniin balaliin garasitti taasifamu har’arraa eegalee addaan citeera jedhan.

Daandiin qilleensichaa kana kan murteesse Ertiraa keessatti tajaajila kennuuf rakkoo hojmaataa humnaa olii mudaterraan akka ta’ee himaniiru.

Waggootaa ja’aan dura gara Asmaraatti balalii addaan cite ture eegalchiisuun, maamiltoota biyyattii fi fedhii Siviil Aviyeeshinii biyyattii guutuuf hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Komiiwwan Siviil Aviyeeshinii biyyattiirraa ka’an furuurraa eegalee balalii garasitti taasifamu torbanitti 15 taasisuus kaasan.

Dhiyeenyas Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii biyyattiirraa xalayaan ibsa hinqabne miidiyaa hawaasaarra deddeebi’aa turuu yaadachiisanii, xalayichaaf deebii kennuuf yaaliiwwan gama Daandii Qilleensichaan taasifamanillee deebii argachuu akka hindandeenye himaniiru.

Furmaata barbaduuf hojjechuun cinaattis balaliiwwan taasisaa turuu eeruun, Ertiraatti bakka bu’aan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa maallaqa kaa’uuf gara baankii biyyattii wayita dhaqanitti, maallaqa kaa’uun akka hindanda’amne xalayaa Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Eertiraan ugguramuu baankiin ibsuu himaniiru.

Taatee kanaan booda deebii argachuuf tattaaffiiwwan garaagaraa taasisaa turus ammallee deebii argachuu akka hindandeenye ibsaniiru.

Sababa kanaanis guyyoota 30’f Maallaqa Daandii Qilleensichaa gara Itiyoophiyaatti erguun akka hindanda’amee fi kaffaltii hojjetootaa fi tajaajiloota garaagaraa raawwachuu waan hindandeenyeef balalii addaan kutuuf dirqamuu dubbataniiru.

Kanarraan kana ka’e maamiltootaa isaarraa dhamaatii ga’eef dhiifama gaafachuun, imaltoonni lammiilee Eertiraa daandiilee qilleensaa biroon akka keessummaa’an daandiin qilleensichaa qajeelfama dabarsuu Obbo Masfiin ibsaniiru.

Gama biraatiin, kaffaltii raawwachuun balalii eeggachaa kan turan Daandiin Qilleensichaa maallaqa isaanii guutummaatti akka deebisuuf himaniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.