Fana: At a Speed of Life!

Y/Finfinnee hojmaata haaraa simannaa barattootaa 2017 hojiirra oolchuufi

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC)-Yuunivarsiistiin Finfinnee, hojmaata haaraa simannaa barattootaa, bara 2017 eegalee akka hojiirra oolchu ibse.

Hojmaatichi yuunivarsiiticha dhaabbata barattoonni ciccimoo fi dandeettii addaa qaban itti baratan taasisa jedhameera.

Dhimmicha ilaalchisuun Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kifleen ibsa miidiyaleef kennaniin, hojmaati haaraan simannaa barattootaa kun qaama ce’umsa gara ofiin of bulchuutti yuunivarsiitichi taasisuuti jedhan.

Hojmaatichi bara haaraatti simannaa barattoota digrii jalqabaa fi lammaffaa haaraa taasisurratti kan hojiirra oolu ta’uu hima.

Barattoonni qabxii dorgommii qophaa’ee, qormaata seensaa akkasumas ulaagaalee biroo wayita guutan gara yuunivarsiitichaatti kan simataman ta’uu himaniiru.

Hojmaatichi haala haqa qabeessa ta’een barattoota keessummeessuuf kan bocame ta’uu ibsuu ragaan yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

Barattoonni bara 2014, 2015 fi 2016 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii darbiinsaa galmeessan ulaagaa ba’u giddugaleeffachuun gama poortaalii yuunivarsiitichaa https://portal.aau.edu.et ‘tiin galmaa’uu akka danda’an beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.