Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni manneen barnootaa siyaasa irraa walaba ta’uun barnoota qofa irratti xiyyeeffachuu qabu-Pirof. Birhaanuu Nagga

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Hoggantoonni barnootaa siyaasa irraa walaba ta’uun barnoota qofa irratti xiyyeeffachuu akka qaban Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru.

Pirofeessar Birhaanuun yaa’ii barnootaa 33ffaaarratti, hojiilee barnootaan bu’an qabatamaan akka galmaa’uu yoo barbaadame hoggantoonni barnootaa siyaasaa fi barnoota waliin makuu hinqaban jedhan.

Barnoota qulqullina qabuu fi haqa qabessaa lammiileef kennuuf hirmaattoonni damichaa ciminaan hojjechuun kan irraa eegamu ta’uu eeraniiru.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Aadde Ayyalech Isheeteen gama isaaniin, qulqullina fi haqabeesummaa barnootaa mirkaneesuuf, hojiilee hojjetaman bu’aa qabeessa taasisuuf, dandeettii barsiisotaa guddisuuf hojjetamaa akka jiru dubbatan.

Gaaffii bulchiinsa gaarii barsiisotaa furuufis tattaaffiin taasifamaa akka jiru kaasaniiru.

Yaa’icharratti hoggantoonni biirolee barnootaa naannolee, Pireezidaantonni dhaabbilee barnootaa olaanoo, miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi qaamoleen biroon hirmaachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.