Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan invastiimantii qonnaa fi Horsiisee bulaa Naannoo Oromiyaa kabajame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) – Guyyaan invastiimantii qonnaa fi Horsiisee bulaa Naannoo Oromiyaa kabajame.
 
Guyyaan invastiimantii qonnaa fi Horsiisee bulaa Naannoo Oromiyaa har’a Godina Addaa Naannawa Finfinnee Aanaa Sabbata Hawaas ganda Kallacha Qallaatti bakka hoggantoonni ol’aanoo naannoo Oromiyaa fi qonnaan bultoonni argamaniitti kabajamee oleera.
 
Ayyaanicharratti argamuudhaan haasaa kan godhan Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa haasaa taasiisaniin qonnaan bulaan keenya kana dura lafasaarraa ari’amuun gadadoo keessa ture.
 
Amma garuu qabsoo hadhaa taasifameen bu’aan dhufuusaatti qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaan lafasaarratti sirritti hojjachuudhaan gara abbaa qabeenyaatti ol guddateera.
 
Mootummaan gara fulduuraafiis jireenya qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa jijjiiruuf xiyyeeffannaadhaan akka hojjatu dubbataniiru.
 
Komiishiiniin invastiimantii Oromiyaa obbo Haylee Jaldeen gama isaaniitiin akka naannoo Oromiyaatti qonnaani fi horsiisee bultoonni kaapiitaallii isaanii walii galaa biliiyoona 10 ol tahan 2481 gara invastaraatti akka ce’anii fi namoota 77,767f carraa hojii akka banan ibsaniiru.
 
Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Umamaa Naannoo Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen akka ibsanitti waggoottan lamaan darban keessatti hojii qonnaarratti keessattu Jallisiirratti, Mekaanaayzeeshinirratti hojiin baayyee hojjatamaniiru.
 
Hojii hojjatameen bu’aan kun argamuu danda’e amma boodas qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan keenya hojii keessan cimsitanii hojjachuu qabdu nutiis isiin cinaa dhaabbannaa jechuudhaan dhaamaniiru.
 
Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota gara invastarummaatti ce’an 2481 tahaaniif beekkamtiin kennameera.
 
Qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni beekamtii argatan kun gara fulduuraatiif cimanii kana caalaa sadarkaa guddaarra qaqabuuf cimanii akka hojjatan dubbataniiru.
 
Qonnaan bultoonni har’a beekkamtii argatan kun ulaagaa 8tiin filatamaniti beekkamtii kana argatanidha.
 
Isaan keessaa qonnaan bulaan yookaan horsiisee bulaan tokko yoo xiqqaate kaapitaala birri miliyoona 1.5 galmeesisuu fi kana keessa %20 kan qusate, Adda duree kan ta’e, karoora hojii biznasii kan qabu keessatti argama.
 
Kabaja guyyaa harraa kanarratti oomishni qonnaan bultootaa jallisiitiin oomishaman daawwatameera jechuun Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.