Fana: At a Speed of Life!

Oomisharraa Ilbiisotaa fi Simbirroo Girrisaa to’achuuf dandeettiin horatameera – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC) – Oomisharraa Ilbiisotaa fi Simbirroo Girrisaa to’achuuf dandeettiin horatamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Oomishtummaa oomisha bara 2016/17 dabaluuf hojiin eegumsa midhaanii bifa qindoomina qabuun hojjetamaa jiraachuu Ministeerichatti Raawwataan Hojii Garee Eegumsa biqiltuu Balaayinahi Niguseen ibsaniiru.

Oomishaaleen aramaan akka hin miidhamne hojiin kunuunsa midhaanii sadarkaa biyyaaleessatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Ilbiisota ittisuuf keemikaalli gahaan jiraachuu fi biiffaa Keemikaalaaf Xiyyaaroonni , Konkolaattoonni maashinoonni irratti hidhamanii fi meeshaaleen barbaachisan qophaa’uu dubbataniiru.

Hojiin bakka xiyyaaroonni qubatanii fi iddooleen bultii Simbirroota Girrisaa adda baasuu qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Biiffaan Keemikaala farra waagiis gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.