Fana: At a Speed of Life!

Hojii raawwachiistonni Waldaa Aksiyoonaa ‘Parpaz Bilaak’ to’ataman

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC)- Hojii raawwachiistonni Waldaa Aksiyoonaa ‘Parpaz Bilaak RTH’ aangoo seeraan ala fayyadamuu, yakka gowwoomsaa fi malaammaltummaa cimaan shakkamuun har’a to’annoo jala oolfamaniiru.

Waldichaan burjaajeffamneerra kan jedhan abbootiin aksiyoonaa, iyyannoo poolisiif dhiyeessan bu’uureffachuun qorannoo eegaleen hoji raawwachiistota waldichaa Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee har’a to’annoo jala oolcheera.

Waldichi utuu qabiyyee lafa harkaan hinga’atiinii fi manneen appaartaamaa abbaa ciisicha sadii Birrii miiliyoona 1.5’n kan gurguramu ta’uu beeksisuun ummatarraa maallaqa walitti qabaa turuu komiiwwan ummatarra dhiyaatan ni akeeku.

Haaluma kanaan hoji raawwachiistonni waldichaa yakka malaammaltummaan shakkamuun to’annoo jala oolfamuu Ministeerri Haqaa beeksiseera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.