Fana: At a Speed of Life!

Hiyyummaan Qaaniidha, Badhaadhinni Qananiidha! – BKO

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC) – Hiyyummaan Qaanii, Badhaadhinni Qananii ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.
Biyyi bu’uura cimaa bu’uureessuufi dhaloonni waaressu injifataadha jedhe biirichi ibsa kenneen.
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaatera.
Badhaadhinni yaadanii karoorsuu, kan karoorfames kalaqaan dabaalanii baay’ina, qulqullinaafi ariitiin hojjetanii milkeessuu irraa madda. Iccitiin biyyoota badhaadhina gonfataniis beekumsa, humna namaafi qabeenya qaban qindeessuun aadaa hojii gabbisanii qusannoo isaanii jabeessuu ta’uu ragaaleen gara garaa ni mul’isu.
Hiyyummaanis ta’e badhaadhinni filannoodha. Filannoo abbaan ofitti murteessee jireenyaaf waliin imalu murtoo cimaa irraa kan ijaaramudha. Hiyyummaan hojii nuffuu, lagachuufi dagannaa keessatti of ilaaluudha.
Badhaadhinni hojii jaallachuu, beekumsaafi kalaqaan masakanii yeroo ofii hogganuun karoorsanii hojjechuudha.
Badhaadhinni kabajaafi ulfina gonfachiisuun birmadummaa biyyaa guutuu taasisa. Faallaa kanaatiin hiyyummaan waaroo salphinaa uwwisuun qaaniifi garbummaa hordofsiisee gara maqamaqii hamaatti biyya imalchiisa.
Biyyi keenya Itoophiyaan gootota ilmaan ishee hiriirstee weerartoota alaa loltee injifachuun biyya birmadummaa ishee wareegamaan tikfatedha.
Haa ta’u malee, onneen gootummaan guutamee tokkummaan ijaaramee birmadummaa biyyaa mirkaneesse maraammartoo hiyyummaafi boodatti hafummaa moo’achuu dadhabuun cabiinsa dinagdee waliin kuufamni idaa dhalootaa dhalootatti tarkaanfataa dhufe.
Dhaloonnis hojjetee hiyyummaafi boodatti hafummaa seenaa gochuu osoo danda’uu gargaarsa harka ormaa eeggachuu bartee godhachaa dhufe.
Dhaloonni dafqee hojjechuun of jijjiiree biyya gara badhaadhinaatti imalchiisuu osoo danda’uu, hiyyummaa boraafatee akka kennaa uumaatti fudhatee waliin jiraachuu caalaa qaanii guddaan hin jiru.
Kana malees, gargaarsaan buluun akka mirgaatti kan ilaalamu qofa osoo hin taane filannoo jireenyaas taasifamaa ture.
Mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin hogganamu cabiinsa hamaafi idaa biyyi keenya keessa turteefi jirtu kufaatii dhaloonni keessaa dammaquu qabu ta’uu isaa madaaleera
. Kanaafis ajandaa gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti jedhu qopheessuun maqamaqii hiyyummaa dhaloonni keessatti kufe keessa dammaqsee gara badhaadhinaatti akka ce’uuf tarkaanfiiwwan gurguddaa imala qajeelchanii milkaa’inoota cimsan hojiirra oolcheera.
Kanaanis jecha gochaan dhugoomsaa uummata of cina hiriirsee waadaa gale hunda milkeessuu irratti argama.
Hojiin barii jijjiiramaa irraa eegaluun inisheetivootaan dabaalamanii humna waloon tumsamanii Gannaafi Bona, Birraafi Arfaasaa hojjetamaa jiranis daandii milkaa’inaa irra jiraachuu biyyaa kan mul’isudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hirkatummaafi gargaaramtummaan uummata Oromoo kan hin ibsine ta’uu hubachuun duudhaa ganamaa jajjabeessuu irratti argama.
Duudhaafi safuun Oromoo hojjetanii buluuf malee kadhaadhaaf haala kan hin mijeessine yoo ta’u, yeroo rakkoof garuu sirni tumsa waloo Buusaa Gonofaan sirnaa’eera. Kanaaf uummanni keenya barmaats kadhaafi hirkatummaa lootee galtuu baatuu nutti baate gocha aadmalee ta’uu hubachuun balaaleffachuu qaba.
Biyyi bu’uura cimaa bu’uureessuufi dhaloonni waaressu injifataadha.
Kanaafis mul’ata keenya abdiirraa gara ifa qabatamaatti ceesisuun Itoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaafi Addunyaarrattis biyya dorgomtummaan ishee ol jedhe ijaaruuf cichinee hojjechaa jirra.
Ergama guddicha akka biyyaatti qabame kana milkeessuuf dhaloonni kadhaafi hirkatummaaf harka osoo hin kennin hojjetee ofii isaafi biyya isaa jijjiiruu qaba.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloonni duudhaa ganamaatti deebi’uun ergama akka biyyaatti qabame galmaan ga’uuf tumsa barbaadamu hunda taasisuun badhaadhina waaraa mirkaneessuuf kutannoon hojjeta.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hagayya, 2016
Finfinnee
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.