Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa Onkololeessa 22, 2017 Magaalaa Daakaatti balallii haaraa eegaluuf ta’uu ibse

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Onkololeessa 22, 2017 eegalee torbeen yeroo 6 gara Baangilaadiish Magaalaa Daakaatti balallii haaraa eegaluuf ta’uu beeksiise.

Balalliin haaraan kun bakka ga’umsaa Daandiin qilleensicha Kibba Ardii Eeshiyaatti qabu caalmaatti kan bal’isu ta’uu eeramera.

Akkasumas Hariiroo Baangilaadiish Afrikaa waliin qabdus caalmaatti kan cimsu ta’uu himamuu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa dhaabbatichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.