Fana: At a Speed of Life!

Sudaanitti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 31 darbe

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC) – Sudaan Kutaa Bulchiinsa Kaabaatti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 31 darbuu gabaafameera.
Balaa kanaan qabeenyi hedduun barbadaa’uu ibsameera.
Balichaan hanga ammaatti lubbuun namoota 31 darbuu Dubbii himaan Raayyaa Ittisaa Siiviilii Qureeshii Huseen himaniiru.
Lammiilee hedduun ammoo qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu ‘African News’ gabaaseera.
Baatii kana keessa lammiileen biyyattii kumni 317 ol sababa balaa lolaan rakkoof saaxilamuu eerameera.
Balaan lolaa kun waraana walwaliinii biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru irratti ida’amuun jireenyaa lammiilee biyyattii dararaa jiraachuu himameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.