Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ministira Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan durfamu Kolleenjiin Fayyaa Hospitaala Adaamaa daawwate

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan durfamu haala kennisa waliigalaa fi ittisa fi too’annaa vaayrasii koronaarratti hojii Kolleenjiin Fayyaa Hospitaala Adaamaa hojjechaa jiru daawwate.

Kolleenjiin Fayyaa Hospitaala Adaamaa tajaajiloota baruu fi barsiisuu, kennisa fayyaa, erga vaayirasiin koroonaa biyya seene asi ammoo ittisaa fi too’annaa vaayirasichaarratti ciminaan hojjechaa jira.

Hospitaalichi guyyaatti namoota dhibee gargaraan qabaman 1000 kan tajaajilu yeroo ta’u, erga vaayrasiin koroonaa seenees cimsee kan hojjechaa jiru ta’u hojii gaggeessan Kolleejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaa Dooktar Mokonnin Fayyisaa kan himan.

Jilli Dooktar Liyaan durfamu kun Kolleejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaatti kutaalee yaala ariifachiisaa, bakka ciisanii yaalaman, faarmaasii, kutaa raajii, siitii Iskaan, namoota tajaajilaa deddeebi’anii yaaluu argachaa jiran, bakka namoota vaayrasii koroonaaf shakkaman itti adda baafamanii qoratamanii fi bakka itti namoonni ‘Covid -19’n qabaman yaalaman daawwataniiru.

Dooktar Liyaan kenniinsi tajaajila fayyaa kennamaa jiru gaarii ta’uu himanii, vaayirasii koronaa ittisuuf qophii Kolleejjiin Fayyaa Hospitaalaa Adaamaa taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Jilli ogeessota Minsteera Fayyaa fi Biiroo Fayyaa Oromiyaan durfamu kun bakka namoonni vaayrasii koroonaan qabamanii itti yaalamaa jiran kan magaalaa Mojoos daawwateera jechuun ONBtu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.