Fana: At a Speed of Life!

Barreessaa Olaanaan Seekreetaariyaatii Daldala Bilisaa Naannawaa Afrikaa Finfinnee galan

Finfinnee, Hagayya 23, 2016 (FBC) – Barreessaa Olaanaan Seekreetaariyaatii Daldala Bilisaa Naannawaa Afrikaa Waamkeelee Maaneen daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.

Waamkeelee Maaneen waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministir Deetaa Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Yaasmiin Wahabrabiin simatamaniiru.

Waamkeelee Maaneen turtii isaaniin aanga’oota olaanaa waliin dhimmoota adda addaarratti marii ni taasiisuun eegama.

Sadarkaa waliigalteen Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaa yeroo ammaa irratti argamuu fi hirmaannaa Itiyoophiyaa ilaalchisee marii kan taasiisan ta’uu Ragaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.