Fana: At a Speed of Life!

Dambiin Komii kaffaltii beenyaa balaa Tiraafikaan walqabatee ka’aa ture furuuf dandeessisu hojiirra oole

Finfinnee, Hagayya 23, 2016 (FBC) – Dambiin Komii kaffaltii beenyaa balaa Tiraafikaan walqabatee maatii miidhamtootaa biraa ka’aa ture furuuf dandeessisu hojiirra ooluu Ministeerri Geejjibaa fi Loojastiiksii beeksise.

Balaa mudateef deebii kennuu qofa osoo hin taane of dursanii of eegachuurrratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeerichaa Barrihoo Hasan ibsaniiru.

Manni Maree Ministirootaa Wixinee dambii imaammata Kaffaltii beenyaa Balaa Tiraafikaa qaama 3ffaa fi Geejjiba Daandirraa to’achuuf bahe raggaasiisuun ka yaadatamuudha.

Dambiin kun hojiirra ooluu eegaluun rakkoo bal’aa damichaan jiru furuuf hojii hubannoo uumuu fi olaantummaa seeraa kabachisuuf haala mijataa kan uumu ta’uu Obbo Barrihoo Hasan ibsaniiru.

Akkaataa dambii haaraa kanaan beenyaan miidhaa balaa Tiraafikaan qaqqabuuf kaffalamuu qabu hanga Birrii kuma 250 gahuu kaasaniiru.

Yeroo ammaa tajaajilli qaama 3ffaa guutumaan guutuutti Teeknooloojiin akka deeggaramu taasiifamuu dubbataniiru.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.