Fana: At a Speed of Life!

Dodolaatti rooba cabbii fi bubbee makatee roobeen lubbuun beeyladoota 19 darbe

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC)-Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti rooba cimaa bubbee fi cabbii makatee roobeen mancaatii cimaan qabeenyarra qaqqabuun ibsame.

Guyyaa kaleessaa roobaa walitti fufiinsaan sa’aatii tokkoof cabbii fi bubbee makatee roobeen Loowwan 18 fi farda yoo ajjeesu, oomisha midhaan garaagaraa hektara 250’rratti misoomee mancaasuu ragaan Kominikeeshinii Aanaa Dodolaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataan mukkeen hektara 12 ol ta’u irraan mancaatii qaqqabsiisuun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.