Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii Shakkamtoota Ja’an irratti guyyoota qorannoo 14 eeyyame

Finfinnee, Hagayya 21, 2016 (FBC)- Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddachi Beellama Yeroo, shakkamtoota ja’an nageenya daandii qilleensaa balaarraa buusuuf socho’aniiru jedhamuun shakkamuun yakka shorokeessummaan himatamanirratti guyyoota qorannoo 14 eeyyeme.

Manni murtichaa kaleessa Yaada Qorannoo Poolisii Federaalaa fi qabxii falmii Abukaatoonni shakkamtootaa kaasanirraatti yaada murtoo kennuuf har’atti beellamuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan dhaddacha har’aan Galmee himataa Yohaannis Daani’eel Barihee (Joon Daani’eel) jalatti kan hammataman ja’arratti Poolisii qorataaf yeroo qorannoo dabalataa eyyamuun amansiisaa ta’uurraan Manni Murtichaa guyyoota qoranoo 14 eeyyameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.