Fana: At a Speed of Life!

Kilabni kubbaa miilaa dubartootaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Shaampiyoonsi Liigii Dubartootaa CAF dorgommii gulaallii CECAFAn xumuraaf gahe

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC) – Shaampiyoonsi Liigii Dubartootaa CAF dorgommii gulaallii CECAFA, Baankiin Daldala Itiyoophiyaa KilabaYugaandaa Kaweempe Musiliim Leediis injifachuun xumuraaf gaheera.
Kilabni Kubbaa Miilaa dubartootaa CBE goolii 2 fi 1n Kaweempe Musiliim Leediis injifachuun xumuraaf gahuu ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.
Taphichi har’a sa’aatii 8:30 irraa jalqabamee Finfinnee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti kan taphatame yoo ta’uu, Masaay Tamasgeen daqiiqaa 45′ fi Immabeet Addisuun daqiiqaa 90′ irratti CBE’f galchii tokko tokko galchaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.