Fana: At a Speed of Life!

Sigiga lafaa Naannoo Kibbaa Aanaa Addaa Aleetti qaqqabeen lubbuun namoota 12 darbe

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) – Sigiga lafaa Naannoo Kibbaa Aanaa Addaa Aleetti qaqqabeen lubbuun namoota 12 darbe.

Namoota lubbuun darbaan keessaa hanga ammatti reeffi namoota 5 argamuun ibsameera.

Sigigni lafaa kun manneen jireenyaa 6 maatii guutuun waliin kan qaqqabe yoo ta’u, barbaachi reeffi namoota hafee itti fufeera.

Sababa sigiga lafaan lammiilee buqqa’aniif hojiin bakka tursiisaa hojjechuu rawwatamaa jiraachuun bulchaan aanichaa ibsaniiru.

Itti Aanaan Preezdaanti Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaw balaa qaqqabe kanaaf gadda isaanitti dhaga’ame ibsuun, lammiilee miidhaman deebisanii dhaabuuf mootummaan naannicha akka hojjetu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.