Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Addisuu Araggaan durfamu Aanaa Boosatitti misooma Atoo Boonsituu fi Boloqqee daawwate

Finfinnee, Hagayya 19, 2016 (FBC) – Jilli Sadarkaa itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti qindeessaa kilaastera baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaan durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatitti kilaastera misooma Atoo Boonsituu fi Boloqqee daawwateera.

Akka Godina Shawaa Bahaatti hojiilen misoomaa kanaan dura hin baratamne yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godinichaa Obbo Abbaabbuu Waaqoon himaniiru.

Hojiin misooma kilaastaraa akka Naannoo Oromiyaatti kallattii karoora Mootummaan qabateen gara fuulduraas cimee akka itti fufu hojjatamaa jiraachuu Obbo Addisuu Araggaan ibsaniiru.

Mulugeetaa Girmaatu Gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.