Fana: At a Speed of Life!

Paakistaanitti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 37 darbe

Finfinnee, Hagayya 19, 2016 (FBC) – Paakistaanitti balaa Tiraafikaa iddoolee garaagaraa lamatti mudateen lubbuun namoota 37 darbuu gabaafame.

Awutoobisiin Deddeebisa ummataa namoota 70 fe’ee Iraanii gara Paakistaan bulchiinsa Puunjaab jedhamutti imalaa turerra balaa qaqqabeen lubbuun namoota 11 yoo darbu, namoota 35 irra miidhaan qaamaa qaqqabuu ibsameera.

Akkasumas Awutoobisiin namoota 35 fe’ee imalaa ture boolla keessatti kufuun lubbuun namoota 26 darbuu fi namoota 3 irra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu ‘Business Standard’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.