Fana: At a Speed of Life!

Ruwaandaatti Rooba cimaa roobeen lubbuun namoota 72 darbe

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) – Ruwaandaatti rooba cimaa roobeen namoonni 72 du’uu isaan tajaajjilii oduu biyyattii gabaaseera.
 
Balaa kanaan manneenii fi bu’uraaleen misoomaa hedduun barbadaa’aniiru jedhame.
 
Rooba cimaa roobeen namoonni hedduun lolaa fi sigiga lafaan miidhamuu isaanii Ministirri Ministeera hoggansa sodaa balaa biyyaatti Soolangee Kayyisireen ibsaniiru.
 
Biyyaattiitti guyyoota muraasan duras balaa walfakkaatuun lubbuun namoota 12 darbuu isaa kan yaadatamuudhaa.
 
Baatii Eebilaa keessa qofa Baha Afrikaatti balaa lolaa fi sigiga lafaan manneen kumni 3 fi 500 yoo barbadaa’an, midhaan lafa hektaara kuma 6 fi 600 irra ture manca’eera.
 
Guyyaa kaleessaa Keeniyaatti balaa walfaatuun lubbuun namoota 200 darbuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Maddi:-CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.