Fana: At a Speed of Life!

Uwwisa bosonaa dabaluun egeree itti fufsiisuudha-Aadde Adaanech Abeebe

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC)- Uwwisa bosonaa dabaluun egeree itti fufsiisuudha jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Duula guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona dhaabuu sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuun Paarkii ICT’tti biqiltuu dhaabaniiru.

Duulicharratti ergaa dabarsaniin, Magaalaa Finfinnee bakkoota garaagaraa 168 olitti lafa hektaara 250 irratti biqiltuun kan dhaabamuudha jedhan.

Yeroo ammaas ummanni gamtaan ba’ee duulicharratti hirmaachaa akka jiru eeraniiru.

Uwwisaa bosonaa dabaluun badhaadhina biyyaattii boriif jijjiirama bu’uuraa kan fidu, jijjiirama qabeenya qilleensaa kan ittisu, dawaa fi nyaata jedhan.

Haaluma kanaan Ashaaraa kaa’uun dhalootaa har’aa qofaa utuu hintaane egeree itti fufsiisuu akka ta’e dubbataniiru.

#Ashaaraa_Magariisaa #Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.