Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti duulli dhaabbii Biqiltuu guyyaa tokkoo gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC) – Jilli Obbo Saadat Nashaan durfamu Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandootti biqiltuu dhaabeera.

Godina Arsii Lixaatti duulli dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuu gaggeeffamaa jira.

Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantitti qindeessaan kilaastera Hawaasummaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Saadat Nashaan durfamu Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandootti biqiltuu dhaabeera.

Bulchiinsa Magaalaa Dodolaattis duulaa dhaabbii biqiltuu kun gaggeeffamaa jira.

#Ashaaraa_Magariisaa #Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.