Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa Guddina biyyaaf hojiiraa Oolmaan Cee’umsa Dijitaalaa murteessaa ta’uun ibsame

Finfinnee, Hagayya 16, 2017 (FBC )- Adeemsa guddina biyyaaf hojiiraa oolmaan Cee’umsa Dijitaalaa murteessaadha jedhan Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xirunaan.

Manni Maree Cee’umsa Dijitaalaa walga’ii idiilee 3ffaa gaggeessuu ObboTamasgeen fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Walga’ichaan raawwii waliigalaa mana marichaafi Inisheetiivii Koodaaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5 gamaaggamamuu eeraniiru.

Dabalatanis gabaasni raawwii Paarkii Teeknooloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo gamaggamamun ibsameera.

Tarsimoo Dijitaalaa biyyaaleessarrattis mariin gaggeeffamuu kaasaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.