Fana: At a Speed of Life!

Obbo Araggaa Kabbadaan ummanni naannichaa duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuurratti akka hirmaatu waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Hagayya 16, 2017 (FBC )- Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan ummanni naannichaa duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuu guyyaa boru gaggeeffamurratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Naannichatti duulichaaf qophiin xumuramu Obbo Araggaan ibsaniiru.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa hirmaannaa nama hundaa kan gaafatu fi hojii dhalootatti darbuudha jedhan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.,

Haaluma kanaan sagantaa kanarrati ummanni naannichaa naannawaa jiraatutti akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.