Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan nageenyaa fi Tokkummaa Somaaliyaa mirkaneessuuf ilmaan ishee aarsaa gochuu dabalatee wareegama daangaa hin qabne kaffalteerti – Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu Itti Aanaa Pireezidaantii fi Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahi ibsan.

Itiyoophiyaan nageenyaa fi Tokkummaa Somaaliyaa mirkaneessuuf ilmaan ishee aarsaa gochuu dabalatee wareegama daangaa hin qabne kaffaluu ibsaniiru.

Ibsii fi haasofni Pireezidaantiin Somaaliyaa yeroo dhiyoo as taasiisaa jiran dhugaarraa kan fagaate, hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii kan hin madaalle,dhugaa qabatamaa lafarra jiru kan hale, ollaa gaarii fi faayidaa waloo ummattoota biyyoota lamaanii kan faalleessu ta’uu eeraniiru.

Yeroo hunda qaamoleen siyaasaa dubbiin taasiisan haqaa fi faayidaa waaraa ummata biyyoota naannawichaa kan madaalu, hariiroo obbolummaa kan cimsuu fi nageenya ummata Somaaliyaa mirkaneessuuf kan fayyadu ta’uu qaba jedhan.

Obbo Adam Faaraahii, Hayyoonnii fi Ummanni Somaaliyaa gochaawwan hariiroo biyyoota lamaanii booressan akkasumas carraa fi faayidaa biyyattii gara fuulduraa faallessan dura dhaabbachuun qooda isaanii akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa akkuma kanaan duraa faayyadamummaa waloo,ollummaa gaarii, nageenya naannawaa mirkaneessuu fi tumsa biyyoota ollaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.