Fana: At a Speed of Life!

Obbo Barakatii fi obbo Taaddasaatti adabbiin hidhaa itti murtaa’e

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) – Obbo Barakat Simi’oonii fi obbo Taaddasaa Kaasaatti adabbiin hidhaa waggaa 6 fi 8 itti murtaa’e.

Manni murtii waliigalaa naannoo Amaaraa obbo Barakat Simi’oonii fi obbo Taaddasaa Kaasaa adabii hidhaa waggaa 6 fi 8 itti murteessera.

Manni murtichaa dhadhacha Eebila 28, 2012 ooleen yaadaa murtee cimsanii fi salphisan abbaan alangaa dhiyeesse ilaaleera.

Manni murtichaa yaada adabbii cimsanii fi salphisan erga ilaalee booda dhadhacha guyyaa har’aa ooleen murtee baleessuummaa dabarseera.

Haaluma kanaan Manni murtii waliigalaa naannichaa, obbo Barakat Simi’oon hidhaa waggaa 6 fi Birrii kuma 10 yoo adabu, obbo Taaddasaa Kaasaa ammoo hidhaa waggaa 8 fi Birrii kuma 15 itti murteessera.

Naatnaa’eel Xigaabuutu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.