Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen qonnaa gaggeeffamaa jiran qonnaan bultoota gara abbaa qabeenyummaatti ceesisuuf ga’ee olaanaa qaba-Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Hagayya 12, 2016 (FBC)-Hojiileen qonnaa Godina Jimmaatti gaggeeffamaa jiran diinagdee qonnaan bultootaa guddisuun gara abbaa qabeenyummaatti ceesisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen dubbatan.

Jilli Obbo Ahimad Shiideen durfamu Godinaa Jimmaatti hojilee misooma garagaraa dawwachuun Aanaa Mannaatti duulaa dhaabii biqiltuu baala shaayii gaggeessaniiru.

Obbo Ahimad akka jedhanittii jiruuf jireenya uummata godinichaa jijjiiruuf inisheetiiviiwwan misoomaa mootummaan bocaman milkaa’ina gaarii argamsiisaa jiru.

Hojiileen qonnaa godinichatti hojjetaama jiran diinagdee qonnaan bultoota guddisuun gara abbaa qabeenyummaatti ceesisuuf ga’ee olaana qabu.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin inisheetiivii baala shaayiitiin carraa hojii uumuu fi diinagdee qonnaan bultoota guddisuuf hojiileen hojjetamaa jiran kan jajjabeefaman ta’uu dubbataniiru.

Godinichatti bara kana biqilaa baala shaayii miliyoonaa 23 lafa hektaara kuma 3 irratti misoomsuuf hojjetamaa jiraachuun eerameera.

Bifuma walfakkatuun, Ministeerri Galiiwwanii fi dhaabbileen itti waamamtoota isaa Naannoo Afaar Aanaa Dubtii buufata Gabalaayituutti sagantaa ashaaraa magariisaan Biqiltuu dhaabuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Saganticharratti Ministirri Galiiwwanii Aadde Ayinaaleem Nugusee, Komishinara Komishiinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa fi Pireezidaantii Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaa dabalatee hoggantoonnii hojii ministeerichaafi dhaabbileen itti waamamtoota biroon argamaniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.