Yuukreen bulchiinsa Kursikitti injifannoo galmeessuu beeksiifte
Finfinnee, Hagayya 11, 2016 (FBC) – Waraanni Yuukreen bulchiinsa Kursikitti injifannoo galmeessuu Ajejaan Waraana biyyattii Oleeksaandir Siirsik ibsan.
Kiiyev Hagayya 6, 2024 eegaltee naannawaa 82 to’achuu Ministeerri Dhimma Alaa Yuukreen ibseera.
Kunis iddoolee Raashiyaan daangaa Yuukreen keessatti to’atte kan caalu ta’uu gabaafameera.
Yuukreen irree ishee jabeeffachuun iddoolee hedduu to’achaa jiraachuu Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodimiir Zeelaniskiin ibsuu ‘Malay Mail’ gabaaseera.
Yaaleellaan Yuukreen raawwachaa jirtu qocholoo cimaa ta’uu Raashiyaan gama isheen ibsiteerti.
Goordeevikaa fi Ruuskoo Pooreechinoo dabalatee naannawaa Yuukreen hedduutti haleellaa duub deebii kennaa jiraachuu himteerti.
Kanas cimsitee kan itti fuftu ta’uu beeksifte.
Kadiir Shamshadintu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.