Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii biyyaaleessaa ajandaa walitti qabuu Dirre Dhawaatti gaggeefamaa ture xumurame

Finfinnee, Hagayya 11, 2016 (FBC) -Waltajjiin marii biyyaaleessaa ajandaa walittii qabuu Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeefamaa ture xumurameera.

Waltajjichi qindeessummaa Komishiinii Maree Biyyaalessaan gaggeeffamaa tureera.

Mariin ajandaa walitti qabuu guyyoota jahaaf geggeefamaa ture kanarratti hirmaattoonni kutaaleen hawaasa bakka bu’an kumni 1 ol hirmaataniiru

Ajandaa walitti qabaa turaniis qindeessuun komishiinii Maree biyyaaleessaaf dhiheessaniiru.

Komishiinarri Komishiinii maree biyyaalessaa Ambaassaaddar Mahammaad Diiriir, ajandaan walitti qabame egeree biyyattiif qooda olaanaa qabaachuu fi rakkoo biyyattii bu’ura irraa furuuf murteessaa ta’uu eeraniiru.

Kadiir Shamshadintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.