Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen Sagantaa Ashaaraa Magariisaan gaggeeffaman dhaloota egereef kan darbaniidha-Billenee Siyyum

Finfinnee, Hagayya 10, 2016(FBC)– Hojiileen Sagantaa Ashaaraa Magariisaan gaggeeffaman dhaloota egereef hojiilee darban ta’uu Itti Gaafatamtuun Pirees Sekireetaariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billenee Siyyum ibsan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad “Duula Guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 haa dhaabnu” jechuun waamicha taasisan hordofee, Atileetonni, ogeeyyiin midiiyaa fi artistoonni Giddugala Biqiltuuwwan Guullalleetti biqiltuu dhaabaniiru.

Saganticharratti Billenee Siyyumma akka jedhanitti Ashaaraan Magariisaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu keessatti gahee bakka bu’iinsa hinqabne bahata.

Kana malees naannawaa miidhagaa fi fayyaalessa dhalootatti ceesisuuf bu’uura ta’uu dubbatan.

Hojiileen biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu gaggeeffaman dhalootaaf hojjechuu akka ta’e ibsanii, hawaasni hunduu ashaaraa isaa kaa’uun dirqama isaanii bahachuu akka qaban waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.