Fana: At a Speed of Life!

Buusaa Gonofaan lafa hektaara kuma 43 fi 581 misoomsaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Hagayya 10, 2016(FBC)–Buusaa Gonofaa Oromiyaa midhaan kuusaa eeggannoo fi deeggarsa guyyaaf ooluu lafa hektaara kuma 43 fi 581 misoomsaa jiraachuu beeksise.

Misooma qonnaa gaggeessaa jiru kanarraas oomisha kuntaala miiliyoona1.7 argachuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Mogos Ida’een, naannichaatti balaawwan uumamaa fi namtolchee akkasumaas lammiilee harka qalleeyyii fi sababa umriin hojjechuu hindandeenye, humna ofiin tumsuuf misooma qonnaa gaggeessaa akka jiru ibsaniiru.

Haaluma kanaan midhaan kuusaa eeggannoo fi deeggarsa guyyaa qaqqabsisuuf oolu lafa hektaara kuma 43 fi 581 misoomsaa jiraachuu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.