Fana: At a Speed of Life!

Fooramii Magaalota Afrikaa keessummeessuuf qophiin duraa xumurameera-MMBM

Finfinnee, Hagayya 10, 2016(FBC) – Fooramii Magaalota Afrikaa jalqabaa keessummeessuuf qophiin duraa xumuramuu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa beeksise.

Fooramichi mata duree “Guddina magaalummaa waaraa ajandaa ce’umsaa Afrikaa 2063’f” jedhuun Hagayya 29 hanga Qaammee 1, 2016’tti gaggeeffama.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Faantaahuun Dajan akka ibsanitti, fooramichi obbolummaa Afrikummaa cimsuurra darbee ardittiitti magaalota ammayyaa’oo ijaaruuf kan mari’atamuudha.

Itiyoophiyaanis fooramicha milkaa’inaan keessummeessuuf Koreen Teekinikaa Biyyaalessaa Ministira Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan durfamu hundaa’uun hojin qophii duraa xumuramuu dubbataniiru.

Fooramicharratti magaalotaa biyyoota Afrikaa dabalatee magaalonni biyyoota biroo akka hirmaatan eeruun, qaamoleen dhimmichi ilaallatu, ministiroonni, dippiloomaatonni, qorattoonni, dargaggoonnii fi kanneen biroon akka hirmaatan ibsaniiru.

Ajandaa Afrikaa 2063 kan bu’uureffatan galmoota misoomaa qabamanirratti marii bal’aan akka gaggeeffaman eeraniiru.

Egzibiishiniin magaalonni irratti muuxannoo waljijjiiran qophaa’uu fi mariin cinaa ministirootaa fi keessummootaa akka gaggeeffaman kaasuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Hawaasnis keessummoota fooramicharratti hirmaachuu dhufan akka simatu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.