Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfama Baankii Biyyaalessaan dura sanadoonni fudhatama argatan tilmaamaa sharafaa duraaniin itti fufu-Komishinicha

Finfinnee, Hagayya 10, 2016 (FBC)–Adoolessa 22, 2016 kaasee hojiirra ooluu qajeelfama haaraa Baankii Biyyaalessaatiin dura, galmeen sanadaa gaggeeffamuun sanadoonni fudhatama argatan tilmaamaa sharafaa duraaniin kan itti fufan ta’uu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Komishinarri Komishinicha Dabalee Qaabataan ibsa kennaniin, dhaabbanni isaanii adeemsa sanadoota galmeessuu fi adda baasuu xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu himan.

Haaluma kanaan Adoolessa 22, 2016 kaasee hojiirra ooluu qajeelfamaa haaraa Baankii Biyyaalessaatiin dura, galmeen sanadaa gaggeeffamuun sanadoonni fudhatama argatan tilmaama gatii sharafaa qajeelfamichi hojiirra ooluun dura tureen kan itti fufu ta’uu ibsan.

Ta’us, sanadoonni dhiyaatan kan hinguutamnee fi dhimmoonni hafan utuu jiranii sandoonni fudhatama qaban kan keessummeeffaman tilmaama gatii sharafaa guyyichaan akka ta’e mirkaneessaniiru.

Komishinichi aangoo sanada meeshaalee galii sakatta’uun biyya keessa akka galan taasisuu kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Gabaa sharafaa irrattii jijjiirama jiruun gaaffileen garaagaraa akka ka’een eeranii, seeraa fi qajeelfamaan ala kan hojjetamee fi hojjetu akka hinjirre hubachiisaniiru.

Komishinichi qajeelfamoota jkiran hojii maamiltoota beeksisuu hojjechaa jiraachuu ibsuun, dhimmoota adeemsa hojmaataarratti argaman sirriitti beekuun akka barbaachisus akeekaniiru.

Solomoon Yittaayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.