Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu Naannoo Harariitti gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC)- Qindeessummaa Komishinii Marii biyyaalessaan waltajjiin ajandaa walitti qabuu Naannoo Harariitti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Waltajjichi Hagayya 4, 2016 irraa eegalee guyyoota ja’aaf gaggeeffamaa turuun kan yaadatamuudha.

Waltajjicharrattis kutaaleen hawaasaa naannichaa kuma 1 ol ta’an hirmaataniiru.

Guyyaa har’aas ajandaalee walitti qabaman gurmeessuun Komishinii Marii Biyyaalessaaf dhiyeessaniiru.

Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Dooktar Taganyi Warqi Geexuu akka jedhanitti, marichi kan galteen irraa argame, mariif carraa kennee fi aadaa marii kan gabbisee ture.

Akka biyyaattii marii gaggeeffamuuf ajandaa addaa baasuu fi hojii qindeessuun galtee gaggaariin argamuu hubachiisaniiru.

Ajandaaleen Naannoo Harariitti walitti qabaman mana Maree Komishinii Marii Biyyaalessaf kan dhiyaatan ta’uun eerameera.

Fatiyaa Abdaallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.