Fana: At a Speed of Life!

DhGGL Jimmaatti Birrii miiliyoona 35’n hojii tola ooltummaa eegalchiise

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC)- Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Magaalaa Jimmaatti Birrii miiliyoona 35’n hojii tola ooltummaa eegalchiiseera.

Tajaajilichaan mana barnootaa bu’uura boruu, sadarkaa 1ffaa fi manneen harka qalleeyyii kan ijaarsisu ta’uun ibsameera.

Dabalataan dhaabbatichi, biqiltuu Ashaaraa Magariisaas dhaabuu, barattoota maatii harka qalleeyyiif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasiseera.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar saganticharratti haasawa taasisaniin, dhaabbatichi hojii diinagdee keessatti bu’aa olaanaa biyyaaf buusuun cinatti hojii tajaajila lammummaan gaheesaa bahachaa jira jedhan.

Hoji Gaggeessaan Dhaabbata Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Dooktar Bariisoo Amaloon gama isaaniin, dhaabbanni isaanii daldala alaa fi galii biyyattii gaggeesuun cinaatti hojiilee tola ooltummaarratti hirmaachuun gahee hawaasummaa isaa bahachaa akka jiru dubbataniiru.

Muktaar Tamaamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.